Waa'ee Keenya

Nuti ijoollee Waaqayyoo, warra hafuuraan Isa irraa dhalannee, araara Isaatiin fayyinee biyya lafatti bakka bu’oota Isaa ta’uun akka jiraannuuf waamamne, tajaajila Isaaf of guutumaan guutuutti kennineerra. Kanaaf, Waldaan Warra Wangeelaa Oromo London dhugaa hundee Wangeelaa irratti ijaaramuun, Yesus Kiristoos — Isa karaa, dhugaa fi jireenya — duukaa bu’uudhaan, kennaa Hafuura Qulqulluu argachuudhaan hojii Isaa hojjechuuf of qopheessa.

Abbommii inni Wangeela Maatiyoos 28:16–20 keessatti Waldaa Kiristaanaaf kenne akkana jedha:
“Gooftummaan hundinuu samii fi lafa irratti anaaf kennameera. Egaa dhaqaa, saba hundumaa bartoota koo godhaa; maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutti isaan cuuphaa; waanan isin abboome hundumaa eeguu akka barataniis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isin waliin jira.”

Abbommii guddicha kana, gargaarsa Ayyaana Isaa irratti hirkachuun, raawwachuuf Waldaan keenya tattaaffii jabaa ni taasisa

Kaayyoo
Gooftaa Waaqaa fi Uumaa keenya waaqessuu, Wangeela Afaan Oromo isa Waaqayyo nuuf kenneen lallabuu fi facaasuu utubbii hafuuraa guutuu Oromota keenyaa fi warra biraatii kennuudha

Tajaajiloota

Waaqeffaa
Waaqa hafuura fi dhugaa, waaqa waaqotaa fi gooftaa gooftotaa isa waaqeffannaan fi ulfinni hundi ta’uufii malutti amananna, karaa ilma isaa Yasuus Kiristoos gala ni galchinaaf, uumamaa isaa hojiiwwan isaa fi jaalala haalamaleessa inni dhala namaa hundaaf qabu hubachuun ni waaqeffanna. Mootiin Daawiit akkuma” Ilaa obboloonni walii wajjin jiraachuun attam gaariidha, attam namatti tolas, “akkuma jedhe obboloota keenya gammachuudhaan gara waldaa amataa keenyaatti ni afeerra.” Faarfannaa 133:1

Sirna Cuuphaa Qulqulluu
Waldaan Kenya sirna cuuphaa fi eebbisiisu raawachuudhaan ijoolleen fi maatii sagalee waaqayyootiin utubuudhaan dhaloota duuka buutu Goofta keenya Yesus ta’an jajjabeessaa


Sunday school

Ijoolleen yeroo hundumaa sancta guddaa wal ga’uun dubbii waaqayyo baratu, do’ii draamafaa argisiisu Waaqayyoon immoo faarfannaadhaan waaqessu.

Seenaa

Waldaan Warra Wangeelaa Oromoo London gara jalqaba bara sagaltamootaa keessa akka gurmuu kadhannaa manaatti kan jalqabme bara 1994 jabaatee miiltoma namoota muraasaatiin kadhanna torban torbani tahe. Miiltonni sunis Gooftaa Waaqa fi Uumaa keenya waaqessuuf of kennuudhaan Afaan keenya Afaan Oromotiin Wangeella Lallabuu fi Oromota keenyaa fi namoota biraatiif utubbii hafuuraa kennuudhaaf of kennan. Luba Onesimos Nasib karaa saaqxuun Macaafa Qulqulluu bara 1889 keessa Afaan Oromotiin hiikaa isa jalqabaa bakka itti maxxansiise Magaalaa London keessati waaqayyoon waaqessuun seenaa qabessaa fi eebba Gooftaati. Onesimos duraan biyya Itophiyaa keessa, Lixa Oromiyaa bakka Hurrumuuti haadha isaa ishe haadha iyyeessa wajjin utuu saawwan tiksuu warra nama gurguraniin butame. Hamma karaa hin yaadaminiin warra ergamoota Suwiidinitiin oolfamee mana barmootaa warra Kiristiyaan Mitsiwwaa Bakka Buufataa Qarqara Galaanaa biyya Ertiraati ergamutti si’a saddeet gurgurame.

Dhiyeenyatti miidhaan saba keenyatti hammaata yeroo dhufetti lammii keenya biyya Awurooppaaf gara Ameerica kaaba fi Australiyaati godaanuun itti fufe. Haaluma kanaan wal qabate biyyoota Awuroopa gara gara keessatti bakka lammi keenya qubatanitti Waldootiin kiristiyaana huhundeefamuuf carraa uumu irraa kan ka’ee Waldaan Warra Wangeela Oromo London ga’ee ishee irraa eegamu raawachuun bara 2010 Tokkummaa Waldootii Warra Wangeelaa Oromoo Awurooppaa (TWWWO hariiro waldooti jabeessuu fi babalina hojii wangeelaa saffisuuf karaa radio warra wangeelaa fkkf itti hirmachuun Wangeela gooftaa keenya Yesuus Kiristoos warra afaan Oromoo dhaganiif.

..