Waldaan keenya Waaqayyo Abbaa, Ilma, Afuura qulqulluu sadan waaqa tokkootti amanti

Waaqeffannaa

Waaqa hafuura fi dhugaa, waaqa waaqotaa fi gooftaa gooftotaa isa waaqeffannaan fi ulfinni hundi ta'uufii malutti amananna, karaa ilma isaa Yasuus Kiristoos gala ni galchinaaf, uumamaa isaa hojiiwwan isaa fi jaalala haalamaleessa inni dhala namaa hundaaf qabu hubachuun ni waaqeffanna. Mootiin Daawiit akkuma" Ilaa obboloonni walii wajjin jiraachuun attam gaariidha, attam namatti tolas,' akkuma jedhe  obboloota keenya gammachuudhaan gara waldaa amataa keenyaatti ni afeerra.  Faarfannaa 133:1

Cuuphaa fi Eebbisuu

Waldaan Kenya sirna cuuphaa fi eebbisiisu raawachuudhaan ijoolleen fi maatii sagalee waaqayyootiin utubuudhaan dhaloota duuka buutu Goofta keenya Yesus ta'an jajjabeessaa


Irbaata Qulqulluun Maali?

“Irbaata Qulqulluun sirna ittiin Foonii fi Dhiiga Gooftaa Keenya Yasuus Kiristoosiin fudhannu dha." a) Akkuma qaama keenya nyaataan sooruun barbaachisaa tahe, lubbuu keenyas nyaata hafuuraatiin sooruun barbaachisaa dha. Waaqni Keenya Qulqulluun baayyee nu jaallachuu isaa irraa kan ka'e, Ofiisaa dabarse nuuf kenne. Fooni fi Dhiiga isaa lubbuu keenyaaf soora akka ta'uufis nuuf kenne.

b) Foonii fi dhiiga Gooftaa Keenyaa yeroo fudhannu akka buddeenaa fi wayinii qofaatti ilaallee fudhachuun barbaachisaa miti. Kiristoos guutummaatti buddeena mullatu sana keessa jira, akkasumas wayinicha keessa guutummaatti jira. Kanaaf, guutummaa fi waliigalaan buddeenicha fudhachuun ykn wayinicha fudhachuun Kiristoosiin fudhanna.

c) Waldaawwan Biyya lafaa danuun keessatti Irbaata Qulqulluu bifa buddeenaa fi wayiniitiin fudhatu.

Irbaata Qulqulluu amantaadhaan fudhachuuf maaltu barbaachisa?

Irbaata Qulqulluu amantaan fudhachuuf kan barbaachisu cubbuu fooniirraa qulqullaahuu, kaayyoo sirrii qabaachuu fi ulfina foonii fi dhiigaa Gooftaa Keenya Qulqulluuf jecha irbaata qulqulluu utuu hin fudhatin dura sooma barbaachisu irratti seera Waldaan baafte kabajuun barbaachisaa dha. Haa ta'u male, utuu hin soomin Irbaata Qulqulluu yeroon itt fudhatamus ni jira. Cubbuun dhiifamaan bira darbamuu danda'u Irbaata Qulqulluu ulfinaan akka hin fudhanne nu hin taasisu; garuu ayyaana fi eebbaa baayyee karaa Irbaata Qulqulluu argachuu mallu nurraa hambisa.

Macaafni Qulqulluun galmeesseera," Yasuus gooftaan halkanuma itti dabarfamee kennamu sanatti buddeena fuudhee: Akkuma galateeffateen, buddeenicha cabsee, akkas jedhe, Fudhaa Nyaadhaa: inni isiniif cabe kun qaamakooti, kanas yaadannoo kootiif godhadhaa! Booddees akkuma sanatti xooficha fudhatee,''Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga kootiin dhaabbatudha: yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti, seenaakootiif godhaa" (1 Qorontoos 11;23-25).

Baruumsa sanbataa

Ijoolleen yeroo hundumaa sancta guddaa wal ga'uun dubbii waaqayyo baratu, do'ii draamafaa argisiisu Waaqayyoon immoo faarfannaadhaan waaqessu.