Waldaan keenya Waaqayyo Abbaa, Ilma, Afuura qulqulluu sadan waaqa tokkootti amanti

Seenaan

Waldaan Warra Wangeelaa Oromoo London gara jalqaba bara sagaltamootaa keessa akka gurmuu kadhannaa manaatti kan jalqabme bara 1994 jabaatee miiltoma namoota muraasaatiin kadhanna torban torbani tahe. Miiltonni sunis Gooftaa Waaqa fi Uumaa keenya waaqessuuf of kennuudhaan Afaan keenya Afaan Oromotiin Wangeella Lallabuu fi Oromota keenyaa fi namoota biraatiif utubbii hafuuraa kennuudhaaf of kennan.

Luba Onesimos Nasib karaa saaqxuun Macaafa Qulqulluu bara 1889 keessa Afaan Oromotiin hiikaa isa jalqabaa bakka itti maxxansiise Magaalaa London keessati waaqayyoon waaqessuun seenaa qabessaa fi eebba Gooftaati. Onesimos duraan biyya Itophiyaa keessa, Lixa Oromiyaa bakka Hurrumuuti haadha isaa ishe haadha iyyeessa wajjin utuu saawwan tiksuu warra nama gurguraniin butame. Hamma karaa hin yaadaminiin warra ergamoota Suwiidinitiin oolfamee mana barmootaa warra Kiristiyaan Mitsiwwaa Bakka Buufataa Qarqara Galaanaa biyya Ertiraati ergamutti si’a saddeet gurgurame.
Itti fufii dubbisii

Dhiyeenyatti miidhaan saba keenyatti hammaata yeroo dhufetti lammii keenya biyya Awurooppaaf gara Ameerica kaaba fi Australiyaati godaanuun itti fufe. Haaluma kanaan wal qabate biyyoota Awuroopa gara gara keessatti bakka lammi keenya qubatanitti Waldootiin kiristiyaana huhundeefamuuf carraa uumu irraa kan ka'ee Waldaan Warra Wangeela Oromo London ga'ee ishee irraa eegamu raawachuun bara 2010 Tokkummaa Waldootii Warra Wangeelaa Oromoo Awurooppaa (TWWWO hariiro waldooti jabeessuu fi babalina hojii wangeelaa saffisuuf karaa radio warra wangeelaa fkkf itti hirmachuun Wangeela gooftaa keenya Yesuus Kiristoos warra afaan Oromoo dhaganiif.